ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Pirezidaantiin Gaanaa Naanaa Akuufoo-Addoo warshaa boba’aa guyyaatti barmeela 300,000 qulqulleessu kan mootummaan biyya Afrikaa Dhihaa kana gara wiirtuu boba’aa naannichaatti jijjiiru jedhee abdatu ijaaruuf yeroo ka’anitti, qeeqxonni garuu pirojektiin kun mudaa qaba jedhu.
Addunyaa irratti oomisha kaakka’oon lammaffaa kan taate Gaanaan bara 2010tti oomishtuu boba’aa taateetti.Yeroo ammaa kana oomishni boba’aa naannoo guyyaatti barmeela 132,000 fi gaazii uumamaa guyyaatti gara miliyoona 325 oomishti.
“Pirojektichi dhagaa bu’uuraa misooma saba keenyaa ta’uuf waadaa gala,” jechuun Akuufoo-Addoo Wiixata galgala bakka pirojektichi itti hojjetame magaalaa kibba dhiha Jomorootti kan dubbatan yoo ta’u, ijaarsi kun warshaalee petrokeemikaalaas kan hammatu ta’a.
Marsaan tokkoffaan pirojektichi doolaara biiliyoona 12 akka baasu kan hin himame yoo ta’u, kan maallaqaan deggaramuu fi qaamolee ijaarsa kana fudhatanis dhaabbata Gaanaa keessaa fi Chaayinaa ta’uu Televijiiniin Gaanaa ibseera.
Afrikaan Dhihaa guyyaatti gara barmeela 800,000 fayyadamti jedha Waldaan Qulqulleessitootaa fi Raabsitoota Afrikaa, kana keessaa %90 jechuun ni danda’ama biyya alaatii galfama.
Giddugalli boba’aa kun bara 2036tti oomishaalee qulqullaa’anii fi gahaa naannichaaf dhiyeessuuf kan kaayyeffate ta’uu waliigaltee ji’a Waxaabajjii 2018 mallattaa’e ni mul’isa.
Haa ta’u malee karoora kanaa yaadota akka qaamoleen ijaarsaaf dhiyaatan qophaa’oo miti, buqqaatii, jeequmsa hawaasummaa fi kanneen biroo kaasuun piroojektooticha kan qeeqanis jiraachuu Rooyiters gabaaseera.

