Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hojjettoonni warshaa simmintoo Darbaa hanqina mindaatiin hojii dhaabuuf akka jiran dhagaa’ame

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Warshaalee impaayerattii keessatti simmintoo oomishamanii ijaarsa garaa garaaf oolan keessaa  warshaan simmintoon Darbaa isa tokkodha. Haa ta’u malee hojjettoonni warshichaa hojii idilee isaanii dhaabuu Fulbaana 3, 2025 maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni Bilxiginnaa kan of ijaaruu malee biyya ijaaruuf dantaa kan hin qabne, baajata biyyattii misoomaaf akeekame ugguruun, warshaalee mooraa waraanaa gochuu, gatii doolaaraa olkaasuun mi’a dheedhii  hojii warshaaf barbaachisu qaalessuu, gabira humnaa olii itti muruu fi kkf gochuun bakka isaan galii hin arganneetti maallaqa irraa guuruun humna waraanaaf kan oolchu yoo ta’u, sababoota kanneen irraa ka’uun wasrhichi galiin isaa xiqqaachuun miindaa kaffaluu waan dadhabeef  hojjettoonni dhalootaan Oromoo fi saboota biroo ta’an, warshaa simmintoo Darbaa keessatti, kaffaltii malee hojjechaa turuudhaan mufannaa keessa galanii hojicha dhaabuuf akka jiran namoonni maqaa isaanii ammaaf ibsuu hin barbaanne ejjennoo qaban ibsaniiru. 

Bilxiginnaan kisaaraa diinagdeen maraammartoo hamaa keessa kan jirtu bayyaannachuu dadhabuu irraa kan ka’e, miindaa ji’aan gita hojjettoota warshichaaf akeekame kaffaluu dadhabuudhaan hojjettootni warshichaa iyyachaa jiru.  

Kanumaan wal qabatee piroojektiiwwan adda addaa hanqina dhiyeessii simmintootiin, hojii dhaabanii akka jiran maddeen itti dhiyoo jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru. 

Rakkoolee murni Bilxiginnaa dhalchaniin jireenyi qaal’uun walqabatee  hojjettoonni industiriiwwan Oromiyaa keessa jiran hojii gad lakkisaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa industirii aviyeeshinii Dajan isiniif gabaasnee turre. 

Murni barcuma siyaasaa fi dandeettii raawwachiistummaa ilaaluuf lola Tigraay irratti banee qabeenya impaayerattii doolaara biiliyoona 30 qisaasesse, warshaalee carraa hojii dargaggootaaf uuman jajjabeessuu irra kan bara TPLF fi bara koo jechuun adda baasuun dhiibbaa humnaa olii irratti raawwachuun miindaa kaffaluu dadhabuun akka gabaa keessaa ba’an taasisaa jira.

Exit mobile version