Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hojjettoonni warshaa simmintoo Kuyyuu ji’oota sadii oliif osoo miindaan hin kaffalamin turuun, rakkoolee adda addaaf saaximuun dhaga’ame

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Dhaabbanni warshaa simmintoo Kuyyuu  hojjettoota isaaf waan kaffalu dhabee ji’oota sadii oliif miindaan osoo hin kaffalin turuu Fulbaana 16, 2025 maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hojjettoonni kunneen ogummaa adda addaatiin warshicha keessa yeroo dheeraaf hojjechaa kan turan yoo ta’u, PP’n kaffaltii sirnaa kafaluufii irra  kufaatii diinagdee isaanii irraa bayyaannachuuf gibira humnaa ol miindaa argatan irraa muraa  turaniiru.

Yeroo ammaa kana ammoo kaffaltii hojii idilee kan ogummaa isaanii guutummaatti addaan kutuun, hoggantoonni murna Bilxiginnaan ka’aman akka garba isaaniitti hojjechiifachaa jiraachuun ifoomeera. Kanumaan wal qabatee hojjettoonni kun sababa qaala’iinsa jireenyaatiin jiruu fi jireenya isaanii geggeessuun itti ulfaatee rakkoolee hawaasummaa fi qorqalbiin miidhamuun hanga ammaatti sossobbaa hoggantoota warshichaa irraan kan hafe homtuu akka hin jirre namoonni maqaa isaanii kaasuu hin barbaanne addeessaniiru.

Bara 2023 warshaan kun hamma  waggaatti barbaachisu toonii miiliyoona 36 irraa oomisha toonii miiliyoona 7.5 oomishuun amma eegamuu gadi ta’ee turuun paarlaamaa Itoophiyaa irratti osoo hin hafne ministeerri albuudaa kaaseen turuun ni yaadatama.

Kun utuu kanaan jiruu Bilxiginnaan kufaatii isaa dhokfachuuf karaa diinagdee jijjiirama ajaayibaa ‘Miracle’ finne, oomishaalee garaa garaa toonii miliyoonaan alatti ergaa jirra, miindaa hojjettootaas guddisneerra jechuudhaan sobaa kan oolan yoo ta’u, uummata jireenya itti ulfaate saamuun eebba hidha Laga Abbayyaa kan biyyoonni afeeraman irratti hin argamne sababeeffachuun uummata humnaan  hojii isaanii irraa dirqisiisanii akka inni sirbu taassisuun itti qoosaa oolu.

Exit mobile version