ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa miindaa hojjettootaa hudhanii qabuun namoota baay’eetti jireenya hadheessaa kan oolan yemmuu ta’u, hojjettoonni Yuunivarsitii Wallaggaa Mooraa Naqamtee Kolleejjii Teekinooloojii irraa hojjetan “miindaan sirnaan nuuf kaffalamaa hin jiru” jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Yuunivarsitii Wallaggaa Mooraa Naqamteetti itti gaafatamaa humna namaa Kolleejjii Teekinooloojii kan ta’e nama maqaan isaa Abbabaa Galataa jedhamu barattoota sabboontota ta’an Yuunivarsitichaa mana hidhaatti guursisaa kan turee fi guursisaa jiru, yeroo ammaa kana immoo hidhattoota mootummaa sirna nama nyaataa waliin ta’uun mogolee isaa utubatee hojjettoota kolleejjichaa garmalee doorsisaa jiraachuu hojjettoonni miidhaan irra ga’e dubbatu.
Namootni quba qaban akka jedhanitti: “yoo barbaade irra deddeebiin miindaa ji’a lamaa irraa kuta. ‘Nuuf kaffalaa’ jedhanii yoo gaafatanis, “yaada isaanii fudhachuu dhiisuun maqaa waraana PP itti dha’ee doorsisa. Hojjettootni kunis gama isaaniin hojii keenya irraa hafnee hin beeknu. Haa ta’u malee hojiidhuma ogummaa keenya irratti nutti roorrisaa fi dubbiin nagaaf dubbannu micciiree siyaasatti jijjiirama jedhan.
Waanuma furmaata ta’uyyuu ni wallaalle, bakka birootti qacaramuuf immoo xalayaa hojiirraa nu geggeessus nuuf hin laanne jedhu.
Barsiisotni kun haala jireenyaa rakkisaa keessa jiraachuu himuun, faayidaa keenya irratti nu boossisaa oola jedhan. Erga rakkoon kun nurratti raawwachuu eegalee waggoonni lamaa ol lakkoofsiseera kan jedhan barsiisotni kun, akka hojjettoota guyyaatti dararaan kun qaqqabaa jira” jechuun miira aariin guutameen dubbata.
Hojii idilee isaanii osoo sirnaan hojjetanii sababa tokko malee miindaan ji’aa irraa cituu kan himan hojjettoonni kun, akka Yuunivarsiitii Wallaggaa mooraa Naqamteetti rakkooleen kana fakkaatan hojjettoota hundarratti mul’achaa akka jiran itti dabaluun dubbatu.
Gama biraatiinis Gumii Aadaa fi Dagaagina Afaan Oromoo (GADAO) Yuunivarsitii sana keessa jiru laaffisuun bakka aartii Oromoo itti dagaagfatan akka waan bakka siyaasaatti itti fayyadamaniitti fudhachuun barattoota quuqama aartii Oromoo qaban hacuucuu fi sagantaalee duraan geggeeffamaa turan illee mooricha keessatti balleessanii jiraachuunis ibsameera.

