ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Pirojektoonni impaayericha keessatti hojjetaman alli isaanii faayamee dhalootatti kan darbu fakkeeffamee haa hojjetamuyyuu malee, waggoota sadii walitti fufinsaan tajaajila osoo hin laatin jiguun miidhaa hawaasa irraan ga’aa jira.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuunis waxabajji 14, 2024 Yuunivarsitii Wallaggaa magaalaa Naqamteetti argamu keessatti osoo barattoonni sagantaa fooyya’insaatiif (remedial program) gara daree qormaataa seenuuf sakatta’amaa jiranii, riqichi darbii 1’ffaa cituun barattoota irratti kufuu maddeen keenya maqaan isaanii akka dha’amu hin barbaanne nuuf himaniiru.
Riqichi cabe kun barattoota gara darbii 1’ffaatti ol ba’aa turan fudhatee kan kufe yoo ta’u, isaaniin dabalatee barattoota jalatti sakatta’amaa jiran irraanis miidhaa qaamaa guddaa geessiseera.
Barattoonni miidhaan irra dhaqqabe kunis gara hospitaalaatti geeffamuun yaalamaa kan jiran yoo ta’u, Poolisiin federaalaa moonaa sanaa, barattoota lafa dhaabbatanii ilaalaa turaniin suuraa kaaftaniittu ykn immoo viidiyoo waraabdaniittu jechuun shakkiidhaan barattoota qormaataaf seenaa turan gara mana hidhaatti guuranii deemuus dabalanii addeessaniiru.

