ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Saayinsii waraanaa fi ooda uummataa kan hin beekne uummata Oromoo irratti bobbaafamuun duula duguuggaa sanyii labsee dararaa hamaa qaqqabsiisaa kan jiru waraanni faashistii imphaayera Itoophiyaa, barattoota Yuunivarsiitii Ambootti qormaata kutaa 12’ffaa marsaa 2’ffaa qoramuudhaaf gara mooraa yuunivarsiitii Amboo turan irratti hidhaa fi reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuu maddeen keenya eeranii jiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti, barattoonni qorumsa biyyoolessaa qoramuudhaaf gara mooraa yuunivarsitichaa turan, erga qormaata goolabaniin booda, dhaadannoolee adda addaa dhageessisuun dhiittaa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irra gahaa jiru yommuu balaaleffatanii fi Waraanni Bilisummaa Oromoo wabii uummata Oromoo akka ta’e hoggaa lallaban murnoonni bilxiginnaa kanneen imphaayera Itoophiyaa leellisanii fi tiksan barattoota kana jala bu’uun hordofanii barattoota hedduu hidhuu fi reebicha hammaataa irraan gahuu maddeen ibsan.
Barattoota yuunivarsitii Ambootti qormaata kutaa 12’ffaa saayinsii uumamaan marsaa 2’ffaa fudhatan kanneen barattoota godina Horroo Guduruu Wallaggaa ta’an karaatti konkolaataa irraa buusuun barattoota hedduu ukkaamsanii hidhaatti darbatanii jiraachuu fi hedduun immoo bakka buuteen isaanii dhabamuu maddeen keenya dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

