Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti barattoota qormaata biyyoolessaa irraa hidhuu fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun uummata dararuun barame

Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti barattoota qormaata biyyoolessaa irraa hidhuu fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun uummata dararuun barame.

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2022 Oromiyaa keessatti kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa sodaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraan kan ka’e namoota nagaa siyaasa keessaa quba hin qabne hidhuu fi dararu daraan hammeessanii jiru.

Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti hidhaa hammeessuun barattoota qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaa’aa turan Ibsaa Aliyyii fi Nasruu Najjaash kan jedhaman torbee darbe qabanii hidhuun qormaata irraa hambisanii jiru.

Kana malees qeerrowwan homaa keessaa harka hin qabne WBOf nyaata geessitu jechuun Badiruu Abdallaa, Jiraa Hayilee, Hambas Yoosef, Leencoo Balaay, Abdii Coffee, Hasanoo Jamaal, Sulee Kamiil, Gaaddisaa Abdurhamaan, Ibsaa Mahaammad, Ibsaa Ibroo, Obsaa Sufiyaan akkasumas barsiisoota lama kanneen siyaasa keessa quba hin qabne Taajuu Nuuree fi Abdullaxiif Nasir kanneen jedhamanis hidhaanii jiru.

Ilmaan Oromoo hidhamanii jiran kunneen onuma Ciroo araddaa Ija Faaraa irraa akka ta’e jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattootni tokko tokko jedhanitti waraanni fi daballoonni aanichaa wal ta’uun gocha namni hin qabneen sobanii yakkuun reebichaa fi hidhaa namoota nagaa irratti hammeessanii waan jiraniif uummanni wal ta’ee diddaa sirnicha irratti qabu finiinsuu qaba jedhaniiru.

Exit mobile version