Godina lixa Harargee aanaa Ciroo, Odaa Bultum fi Gammachiis keessatti dararaan uummata irratti geggeeffamaa jiru hammaachuun barame.
ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti miidhaa qaamaa fi qalbii geggeessuun uummaticha cabsee akkaataa siyaasa isaaf mijatutti deemsisuuf hojii dabaa hojjechaa jiru itti fufee jira.
Akka kanaanis dheengadda Muddee 28, 2022 godina Lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Gaara Jalloo keessatti waraanni bilxiginnaa manneen uummataa gubaa turan.
Aanaa Gammachiis araddaa Kuyuboo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun reebicha, hidhaa fi saamicha hammeessanii jiru.
Aanaa Odaa Bultum keessattis roorroon ilmaan Oromoo irra ga’u hammachuun afooshaa irraa qarshii 20,000 hanga 30,000 baadiyaa fi magaalaa irraa qarshii 5000 hanga 10,000 maqaa garaagaraan guuraa jiru.
Aanicha keessatti saamicha maallaqaa malee miidhaan uummata irra ga’u hamaa ta’uu himu.
Rakkoo jajjabduu kana waraanaa fi kaabinoota bilxiginnaa waliin ta’uun uummata irratti kan raawwachaa jiran bulchaa araddaa 23 Abdalla Hasanoo ,bulchaa araddaa 24 Mohaammad Aliyyii, bulcha araddaa 25 Xahiir, bulchaa araddaa 26 Umaar , araddaa 28 irraa Adaamaa , araddaa 32 irraa Abdulkariim Aliyii ,bulchaa araddaa Galesaa Sa’idoo Aliyii ,araddaa Gabibaa Abdallaa Mahaammadoo ,bulchaa araddaa Bososaa Mahammad Shekaa fi Shunqoo Hassan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lixa Harargee keessatti fudhachaa jirutti kan baarage murni bilxiginnaa sochii WBO dura dhaabbachuuf lolaan cinaatti miidhaa hawaasaa hammeessanii akka jiran gabaasni achi ba’u ni addeessa.

