Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee onoota Odaa Bultum, Xuulloo fi Gammachiis  keessatti waraana PP’n gibira humnaan olii gaafachuu fi miidhaan hawaasa irra ga’u jabaatee jiraachuun beekame

ONM-ABO Hagayya 23, 2023

Caasaan bilxiginnaa maallaqa ittiin jiraatan dhabuun yeroo mara sababa adda addaa uumuun uummata irraa maallaqa guuranii sadoo dhuunfaa isaanii guuttachaa fi maqaa hoji geggeessituu mootummaan uummata saamaa jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum ganda 5ffaa fi 9ffaa jedhamuun waamamu keessatti bakka namootni horii daldaluun jiraatanitti guyyoota gabaa magaalaa Horiitti qotiyyoo tokko irraa qarshii 400 hanga 500 gaafachuun dirqiin irraa fuudhaa fi konkolaachistootas maallaqa sababa malee kafalchiisaa jiraachuun ifoomeera.

Oduudhuma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Gammachiis gandoota akka Abdii Guddinaa,Ruqeellee, Aara Baafannoo, Molee fi Dingatee keessatti namoota irratti reebichii fi dararaan sababa maallaqa deggersaa kaffalaa hin jirtaniin ga’aa jiru jabaachuu maddeen dubbatu.

Dabalataanis aanaa Xuulloo keessatti waraanni faashitii PP namoota hidhuu fi maallaqa deggersa dhaabaa kaffalaa jechuun gandoota akka Lubbu Dhaqqab keessatti namoota maqaan isaanii Muktaar Jamaalii fi Abdullaxiif Ibrooshee hidhanii jiraachuu maddeen himaniiru.

Exit mobile version