Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti maallaqni manneen amantaa keessatti walitti qabamuun finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo dhaqqabaa jiraachuu fi konkolaachistoota irraa maalaqni saamamaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddessaa keessatti hojjettoonni waajjira Geejjibaa keessaa hojjetan kan sabaan Amaaraa fi Adaree ta’an maqaa deggarsa bataskaanaa fi namoota harka qalleeyyii gargaarra jedhu of dura qabuun qarshii guddaa walitti qabanii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo gargaaraa Akka jiran odeessi achirraa nu dhaqqabe ni addeessa.

Garee finxaaleessitoota kana jabeessuuf namootni maallaqa guuraa turan maqaan isaanii Hoogganaa isaanii kan ta’e Saabit Umaree walitti qabduu Buskut Taayyee, Amaarech Baqqalaa, Kibbee Daamuu,Tasfaa Wanduu, Gannat Dastaa, Misiraaq Abarraa fi Jamaanaa Boggaalaa kanneen jedhaman dachee Oromoo irra jiraachuun tumsaa fi badii sirni bilxiginnaa uummata Oromoof qabu da’oo godhachuun maallaqa baay’inni isaa Kuma dhibba saddeet (800,000) ta’e garee Faannoof erguu isaanii Maddeen keenya addeessaniiru.

Saamichis Karaa Waraana murna bilxiginnaa jabaatee Akka jiru kan himan Maddeen:namoota doqdoqqee oofan irraa qarshii 3000, Baajaajii iraa qarshii 5000 fi konkolaataa irraa qarshii 30000 fuudhaa aka jiranis beekamee jira.


Exit mobile version