Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee  aanaa Odaa Bultum keessatti uummanni maqaa WBO deggartuun hedduu miidhamaa jiraachuu ONM’tti himan

ONM-ABO Caamsaa 17, 2024

Maqaa WBO dha’uun namoota gidirsuu fi madda saamichaa isaa olaanaa kan godhatan kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaan bobbaafaman Oromiyaa keessatti haaloo dhuunfaa qaban dabalatee sirnicha utubuuf namoota  boqonnaa dhorkachuu irratti argamu.

Haaloo dhuunfaa isaanii aangoo qabanitti fayyadamuun dhimma itti ba’aa kan jiran ergamtoonni sirnichaa namoota nagaa siyaasa keessaa hin qabne akka waan gocha isaanii ta’etti yakkuun mana hidhaa  tursisanii erga dararaniin booda maallaqa humnaa olii irraa fuudhuu fi qabeenya isaanii irratti saamicha raawwachaa jiru.

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa keessatti abbaa araddaa namni maqaan isaa Muhaammed Ahimed jedhamu nama nagaa abbaa maatii ja’aa kan ta’e maqaan isaa Hamzaa Bayyan jedhamu intala isaa waliin WBO waliin walitti dhufeenya qabdu jechuun Caamsaa 14, 2024 qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa akka jiran ibsan. 

Lafa nama kanaas erga isa hidhanii harkaa dhuunfachuun nama biraatti gurguranii yoo inni dhufee si gaafate dha’ii ajjeesi namni si gaafatu hin jiruu jechuun namaaf nama walitti buusuu fi qabeenya nama dhuunfaa gochaa isaa malee saamicha akka irratti geggeessanis himaniiru. 

Aanicha keessatti namoonni hedduun rakkachaa jiraachuu fi haalli yeroo ammaa keessa jiranis hedduu isaan yaaddeessuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version