Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti hidhaan maqaa WBO waliin hariiroo qabduutiin hidhattoota sirnichaan raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Maqaa WBO jedhu of dura qabuun lubbuu namootaa fi qabeenya hawaasaa irratti miidhaa guddaa raawwachaa kan jiran ergamtoonni garaaf jecha uummata isaanii dararan kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa Oromiyaa guutuutti namoota gidirsuu fi saamuu irratti bobba’anii jiru.

Yeroo dhihoo keessa kaabinoonni fi milishoonni maallaqa bicuu sirnichi itti kennuun uummata dararuu irratti aangoo qabanitti fayyadamuun hawaasa gidirsuu irratti bobba’anii jiran keessattuu uummata godina Harargee lameenii irratti miidhaa jajjabaa raawwachaa akka jiran jiraattotni dubbatu.

Aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa keessatti Caamsaa 28, 2024 uummata magaalaa fi naannawaa ishee dirqamaan walgahii baasuun namoota keessaa ija shakkiin ilaalan  kanneen maqaan isaanii Zubeerii Abdullaayii, Abdallaa Saanii, Maammudee Idirisoo,  Weellisaa Naga’oo Guutamaa, Nasiroo Muhaammad, Usmaan Nuurew, Abdulmaalik Jamaal, Numaan Ashunee fi Naasir Aliyyii kanneen jedhaman qabanii mana hidhaa magaalaa Burqaa keessatti hidhanii akka dararaa jiran jiraattonni ibsan.

Namoota hawaasa keessaa qaban kanneen keessaa Weellisaa Naga’oo Guutamaa, Abdallaa Saanii fi Naasiroo Muhaammed gara mana hiraarsaa aanichaa magaalaa Baddeessaatti hidhanii akka jiranis dabaluun ibsaniiru. 

Akka jiraattotni kunneen jedhanitti namoonni kunneen namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan ta’uu himuun, haaloo dhuunfaaf jecha  milishoota har’a meeshaa hidhatanii fi bulchitoota  araddaatiin akka hidhaman dubbatan.

Adda durummaan namni maqaan isaa Kaliidoo Sheek Jamaal jedhamu uummata aanaa Odaa Bultum hidhaa  qabee hanga ajjeechaatti irratti raawwachisaa kan jiru ta’uu jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version