Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultum keessatti saamichi maqaa xaa’oon uummata irratti geggeefamaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Afaaniin waltajjiilee adda addaa irratti uummataaf xaa’oo ni dhiheessina garuu gibira kaffalaa hin jiran jechuun koloneel Abiy Ahimed irra deddeebiin maree hawaasaa tibba darbe geggeessaa ture irratti komatus maqaa kanaan uummata dararaa jiraachuu hin tuqne.

Haa ta’u malee dhugaan lafa irra jiru akka inni jedhe osoo hin taane uummanni Oromoo waggaa tokkotti gibira yeroo sadii fi isaa ol kaffalaa akka jiran ONM ragaa jiraattota irraa argateen gabaasaa tureera.

Guyyaa dheengadda jechuun Ebla 8, 2024 godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun uummata bakka Waqalii jedhamutti walitti qabuun xaa’oo fudhachuu keessaniin dura maallaqa dhaqaatii Baankiitti galchaa akka jedhaniin hirmaataan walga’ichaa tokko dubbate.

Akka jiraataan kun jedhetti gatiin xaa’oo bara kanaa kan bara darbee irra daran dabaluu himuun kaayyoon kaabinoota kanaas saamichaaf akka ta’e ibsuun uummannis maallaqa isaa callisee galchuun dura itti yaaduu qabus jedheera.

Dabalataan saamichi maqaa adda addaan uummata aanichaa keessatti bifa qindaa’aa ta’een yeroo turtii ji’a tokko hin guunne keessatti irra deddeebiin irratti geggeefamaa jiraachuus ibseera.

Exit mobile version