ONM-ABO Adoolessa 8, 2024
Impaayera Itoophiyaa heerri keessatti uummata hin tajaajilletti hawaasni Oromoo dararamuun qabeenya mataa isaanii irratti mirga dhabuun hojiilee hojjetanitti itti gaafatamoo ta’uun dararamaa jiru.
Akkuma kanaanis jiraattonni godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum bulchiinsa magaalaa Baddeessaatti namoonni loon, harroota, re’ootaa fi hoolota gabaa baafatan guyyaa gabaa baafatanitti gurgurachuu baannaanis ashuuraa humnaa olii dirqamaan waraana faashistii PP’n kaffalaa akka jiran ONM’tti himan.
Namni tokko horii tokko irratti qarshii 300, hoolotaa fi re’ootatti qarshii 200 kaffalaa kan jiru yoo ta’u, hawaasni qarshii of harkaa hin qabne kanneen horii gurgurachuu gabaa baafatan, horiin isaan gabaa baafatan gurguramuu yoo didu waan kaffalan dhabuun kanneen hidhaman hedduu akka ta’an beekameera.
Jiraattonni maallaqa dhabuun yakkamtoota ta’an jibba mootummaa qabdu jedhamuunis waraana faashistii PP’n hiraarfamaa akka jiran dabaluun ONM’tti himaniiru.

