Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti dararaan uummata Oromoo irra ga’u jabaate

ONM-ABO Amajji 30, 2023 Murni waggaa shan guutuu ilmaan Oromoo dararuun quufuu dadhabe bilxiginnaan har’as godina lixa Harargee aanaalee garaagaraa keessatti dararaa geggeessu itti fufee jira.

Godinicha aanaa Odaa Bultum magaalaa Badeessaa fi Burqaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun reebuu fi hidhuu hammeessanii jiru.

Reebichaa fi hidhaa uummata magaalaa fi gara magaalaa dhufu irratti raawwatan malee sababoota garaagaraa moggaasuun maallaqa uummata irraa guuru.

Nyaataa fi uffata milishaa, deggersa dhaabaa fi hoji raawwachiiftuu jechuun uummata qaala’iinsi jireechaa rakkisaa jiru saamu.

Kana malees uummata dalagas irraa qabuun waltajjii nageenyaa fi misooma qamadii jedhuun uummata quufee hin nyaanne abjuu qamadii alatti erginaan sobaan uummata garaa bokoksaa akka jiran maddeen aanaa Odaa Bultum gabaasaniiru.

Exit mobile version