Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti milishoonni gandaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo barbaanna jedhuun saamichaa fi reebicha uummata nagaa irratti raawwachaa jiru jedhu jiraattootni

ONM-ABO Waxabajji 26, 2023

Oromiyaa keessatti hidhattootni kolonel Abiy Ahimed maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun hawaasatti bobbaafaman maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu of fuuldura qabuun saamichaa fi dararaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa ganda 02 keessatti dargaggoota Aliyyii Kormee fi Asiraa Andii jedhaman fuulli keessan nuuf haaradha, isin Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu hin ooltan jechuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda waajjira poolisii ganda 02tti hidhanii dararaa jiru jedhu jiraattotni.

Kana malees aanichuma magaalaa Burqaa keessatti maqaa Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa seenee jira, kanaaf fuula haara sakkatta’uu qabna jedhuun mana namootaa irra deemuun maallaqa, bilbilaa fi faaya garaagaraa namoota jalaa  saamaa turan jedhu jiraattootni.

Namoota qabeenyi kiyya na jalaa bade jechuun hiyyatanis ni sobdu, maqaa nu balleessuuf, ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun reebicha irratti raawwachuun mana hidhaatti darbus jedhaniru.

Exit mobile version