Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee ona Odaa Bultum keessatti murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu itti fufe

Godina Lixa Harargee ona Odaa Bultum keessatti murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu itti fufe.

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2022
Murni badee balleessaan bilxiginnaa waraanaa fi dabballoota uummata godina Lixa Harargee ona Odaa Bultum gidduutti bobbaasuun namoota nagaa fedhii isaanii malee daandii gubbaa fi mana keessaa qabuun gara leenjii waraanummaatti erga erganiin booda tibba kana ammoo maqaa gibiraan uummata ba’aa fi gala dhorkaa jiru.

Murni faashistii kun ona Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa dabalatee magaalota xixiqqoo keessatti sagalee guddistuun uummatni dhaqee gibira akka kafaluun waamuun erga namootni achi ga’anii maallaqa humnaan olii akka kafalan dirqisiisu.

Kana malees namoota gibira kafaluuf deeman kanaan dursa deggersa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa kafaltan malee jechuun addatti maallaqa fedhan irraa fuuchuun uummata qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jirutti jireenya ulfeessanii jiru.

Ona Odaa Bultuum keessatti uummatni daandii irraa butamee gara leenjii waraanaa deemuu baqa naannoo kan gadhiisanii fi dalagaa kan dhaabanii turan ta’us uummata of jiraachisuun itti ulfaatee jiru baasiilee hin barbaachisne biroo itto ramaduun rakkisaa jiraachuu jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Baddeessaa irraa dubbise tokko ibsee jira.

Exit mobile version