ONM-ABO Hagayya 14, 2023
Murni faashistii PP maqaa deggersa adda addaa moggaafachuun uummata Oromoo irraa maallaqa guuraa ture, rakkoo hawaasni qaala’insa jireenyaan miidhamaa jiru hubachuufii dhiisuun, daldala qabanna’aa keessatti humna galii namootaa malee gibira humnaa olii Itti ramaduun manneen daldalaa akka cufaman taasisaa jiru.
Haaluma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti dabbaloonni PP gibira humnaa olii uummatatti murteessuun namootni kaffaluu hin dandeenye, qe’ee isaanii gadhiisanii akka deeman taasisaa jiru.
Kana malees aanicha keessatti tokko tokkoon gandaa irraa qeerrowwan 14 akka dhiyaatanii mooraa leenjii bilxiginnaa deeman dirqisiifamaa jiru.
Oduu hidhaan ammoo Baha Harargee magaalaa Awwadaay keessatti namoota maqaan isaanii Nadhii Jamaal fi Adinaan Kamaal jedhaman hidhuun qarshii 80,000 hanga kafaltanitti gonkumaa asii ba’uu hin dandeessan jechuun doorsisaa jiraachuun barameera.

