Murni maafi’aa PP waraana isaa ilmaan Oromootti bobbaasee ajjeesisuu itti fufuun godina Lixa Harargee ona Odaa Bultum keessatti dargaggeessa Oromoo tokko ajjeesan.
ONM-ABO Hagayya 9,2022 Murni yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo geggeeffamaa ture afaan mi’eeffatee Oromiyaa keessatti namni tokko iyyuu du’uu akka hin qabnee fi diinagdeen guddachuun impaayeerattii irra darbee addunyaafuu fakkeenyaa akka ta’utti dubbachaa turan erga qabsicha butaniin booda finxaaleyyii Amaaraa of naannessuun qe’ee Oromoo keessaa bo’ichi akka hin dhabamne taasisanii jiru.
Haala kanaanis yeroo itti ilmaan Oromoo namoota lixa Harargee keessatti namoota beelaaf saaxilamaniif gargaarsaaf watwaataa jirutti ajjeechaa namoota nagaa kan itti fufe waraanni murna bilxiginnaa kaleessa Hagayya 8,2022 waaree dura godina Lixa Harargee ona Odaa Bultum araddaa 10 keessatti dargaggoo Oromoo maqaan isaa Ibsaa Ahimed jedhamu badii tokko malee rasaasaan rukutuun ajjeesan.
Dargaggoon kun ganda isaa keessatti nama nagaa fi hawaasa biraa kabajaa akkasumas jaalala ni qaba.
Waraanni murna bilxiginnaa ona Odaa Bultum keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi hidhata waliin qabduu uummata dararaa kan jiruu fi namoota hedduu illee waan isaan hin beekneen yakkanii hidhanii jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Odaa Bultum gabaasaniiru.

