Godina Lixa Harargee aanaa Bookee tti namoota rasaasaan rukutuun waraanni bilxiginnaa madeesse.
ONM – ABO – Muddee 26, 2022 Murni nama nyaataan bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti rasaasa roobsuun ajjeesuu fi madeessuun qorqalbii cabsee bulchuuf hojjechaa jiru aanaa Bookee keessatti ilmaan Oromoo lama rasaasaan rukuchuun madeessee jira.
Dheengadda galgala Muddee 24,2022 godina Lixa Harargee aanaa Bookee aradaa Gooroo Roobaa keessa ilmaan Oromoo lama maqaan isaanii Ambassee Abdullaa fi Najiiboo Nuuree jedhaman doqdoqqeedhaan deemaa osoo jiranii waraanni murna bilxiginnaa rasaasaa itti roobsuun badii tokko malee madeesse.
Ilmaan Oromoo kun yaalaaf hospitaala Baddeessaa ona Odaa Bultum keessa jiru dhaqanis hospitaalichi namni rasaasaan rukutamee dhufe Waraana Bilisummaa Oromoo waan ta’eef akka hin isaan hin yaalle himuufiin namoota nagaa osoo dhiigni keessaa cobuu siree irratti ilaalaa jiru.
Murni bilxiginnaa mana hojii cufa raawattoota siyaasa isaa godhatee hojjechaa jiru, ogeessota yaalaa ogummaa daangaa malee dhala namaaf kennuuf kakatanii ba’an gachiisiisuun nama fo’anii akka tajaajilan taasisa.
Waraanni murna bilxiginnaa rasaasa lammiilee Oromoo baha Oromiyaa keessa jiratanitti roobsuu itti fufuun Jimaata darbe baha Harargee keessatti nama 1 ajjeesuu 5 madeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

