ONM-ABO Amajjii 31, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Bookee magaalaa Bookee keessatti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa gaafa Amajjii 30, 2026 qonnaan bulaa ammaaf maqaan isaa Obbo Badirii Mahaammad Adaree jedhamu sababa tokko malee mana jireenyaa isaatii baasanii haala suukaneessaa ta’een ajjeesanii bakkee keessatti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen xuxxuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa bilisaa kan ta’an yoo ta’u, loltoonni sirnichaa immoo maqaa, “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuu itti maxxansuun yakka tokko malee mana jireenyaa isaaniitti fudhanii rasaasaa ittii robsaanii ajjeessu ifoomsaniiru.
Akkuma aanichaa guutummatti dararaan qonnaan bultoota Oromoo irratti lukkeelee Bilxiginnaan rawwatamuu garmalee hammachuu himuun qamaa itti iyyanus dhabnee rakkoo ulfaataa keessa jirra jechuun dubbataniiru.
Tiksiitonni barcuma abbaa irree kolonel Abiy Ahimed kan hammeenyummaa qofa barsiifamuun lammiilee nagaa akkaa goolaniif baay’inaan bobbaafaman sabaa fi sablammootaa impaayerattii keessaa addatti ummataa Oromoo keessattuu maatii qabsaa’otaa, sabboontota ilmaan Oromoo fi dargaaggoota abdii maatii isaanii fi biyya ta’an irratti xiyyeeffachuuchuun ajjeechaa qabee hanga hidhaa fi ukkaamsanii bakka butee dhabamsiisuu irratti raawwatanii xiin-sammuu isaanii tuquun abdii jireenya isaanii itti dukkaaneessa jiraachuun ni beekama.

