Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gareen faashistii Bilxiginnaa Lixa Harargee Aanaa Bookee keessatti uummataan milishaaf qawwee bituu qabdu jechuun saamicha irratti hammeessanii jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Karoorri bulchiinsa isaa yeroo mara uummata Oromoo dararuu kan ta’e faashistichi abbaa irree impaayerattii koloneel Abiy Ahimed guyyaa dhufee darbuun akka saamichaaf isaaf mijatutti maqaalee garaa garaa moggaasuun saamichaan jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo mancaasaa jira.

Lixa Harargee aanaa Bookee keeessatti tiksitoonni murna PP afoosha onichi qabu 25 keessatti afooshni tokko qawwee tokko milishaaf bituu qaba jechuun akka onichaatti qawwee 25 bituun dirqama keessan ittiin jechuun afoosha tokko irraa doorsisuudhaan qarshii 26,000 fudhachaa akka jiran odeessi jiraattota onichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni addeessa.

Oromiyaa biyya abbaa isaa irratti hidhattoota teessuma abbaa irree impaayerattii tiksaniin gidiraa hamtuu dhala namaaf hin malle dhandhamaa kan oolu sabni Oromoo, mirga lubbuun jiraachuu ilmi namaa biyya isaa irratti qabu mulqamuun guyyuu ergamtoota murna Bilxiginnaan hidhaa, saamicha, ajjeechaa suukkanneessaa fi qe’ee isaa irraa godaansifamuun dararaa akkaan ulfaataa argaa jira.

Exit mobile version