ONM-ABO Caamsaa 29, 2025
Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’ootti kan argaman hawaasni Oromoo aanichaa sababa dararaa sirna bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaa irraan kan ka’e uummanni hojii isaatti nagaan bobba’ee galuu fi jiruuf jireenya isaa adeemsifachuu akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun rakkoo baqaa fi godaansaaf saaxilamee gara biyyoota ambaa fi Oromiyaa bakkoota garaa garaatti deemaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Akka yaadni jiraattota aanichaa irraa argame ibsutti dararaa ulfaataan ergamtoota sirna namtokkee kan maqaa seera kabachiisna jedhuun murna tokko qofa aangoo irratti tiksuuf bobbaafamaniin deddeebi’ee isaan irratti hammaachuu dubbatu.
Rakkoowwan akka fakkeenyaatti kaafaman keessaa kaffaltii ulfaataa adda addaa, ijaarsa waajjiraalee, dargaggoota humnaan gara leenjiitti guuruu fa’a kan kaasan yoo ta’u, gama biraatiin immoo waggaan tokko guyyoota 365 kan qabu yoo ta’u guyyoota kanneen keessaa torban tokkotti waltajjiif guyyaa lama baana, torban keessaa guyyaa lama qonna ooyiruu milishaaf bobbaana, kan biraan ammoo hawaasummaa keessatti namni du’uu fi dhukkubsachuutu jira, kanaafis afooshni walgahuun dirqama ta’a, sababoota kanaaf jecha hojjetannee of jiraachisuu dadhabuun beelaa fi gadadoof waan saaxilamneef jecha baqachuu filanne jechuun yaada isaanii ONM’f eeraniiru.
Lammiilee impaayerattii cunqursee mirga namummaa irraa mulquun afaan qawwee jalatti ukkaamsee bulchuuf kan tattaafatu sirni hawwituu impaayeraalizimii Itiyoophiyaa durii addatti ammoo jiruu fi jireenya isaa jibbuun ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa labsee jira. Yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti jaleewwan isaa kanneen dantaa mataa isaanii qofaaf socho’an bobbaasuun ajandaawwan adda addaa sababeeffatanii of jiraachisuuf uummata Oromoo irratti saamicha, hidhaa, ajjechaa fi dararaa bifa garaa garaa raawwachaa jiru.

