Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’ootti saamichaa fi hidhaan loltoota maafiyaa Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun ifoome 

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Bakkoo jedhamu irraa torban darbe keessa qonnaan bultoota maqaan isaanii Obbo Jamaal Mahaammadii fi Obbo Ammaddiin Mahaammadxaahir jedhaman irraa badii tokko malee qarshii kuma afurii fi dhibba shan saamuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bultoonni kunneen xuxxuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa walaba kan ta’an yoo ta’u, loltoonni PP saamichaan dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuu fi sirna kufte tiksuuf dhama’an, “Waraana Bilisummaa Oromoo deggartan” jedhanii waan isaan keessaa hin qabneen sobaan yakkuun erga qarshii kana irraa saamanii booda hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa addeessaniiru.

Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa, umrii impaayerattii dheeressuuf tooftaa garaa garaa uumanii hawaasa gara jabinaan hiraarsaa jiraachuu irraa kan ka’e, jiraattonni saamicha, hidhaa, reebicha, ajjeechaa fi dararaa yeroo yeroon irratti raawwatamu baachuu dadhabuun yaaddoo siyaas-dinagdee hamaa keessa kan jiran ta’uu gabaasni gamasii ONM’n dhaqqabe ni ifoomsa.

Murni maafiyaa Bilxiginnaa loltoota isaa saamichaa fi sirna dhablummaan keessatti dagaage hawaasa nagaatti akkuma fedhe bobbaasuun maqaa adda addaa hawaasni harka keessaa hin qabne itti maxxansanii hiraarsa, hidhaa fi reebichaa hanga ajjeesutti raawwachaa jiraachuun ni beekama. 

Exit mobile version