ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Murni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee yeroo dheeraaf dararaa akkuma jiru aanaa Odaa Bultum araddaa 33’ffaa keessaa namoota hedduu hidhuun hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, Abdullaaxii Huseen Bokkuu dabalatee namootni hedduun murtii tokko malee ji’a lamaa oliif mana sirreessaa keessatti hirarfamaa akka jiran jiraattonni ibsaniiru.
Abdullaxiif abbaa maatii 7 yoo ta’u, ijoolleen isaa nama gargaaruun dhabuun erga inni irraa hidhamee kaasanii jireenya gadadoo keessa jiraachuu fi badii tokkos osoo hin dalagin maqaa obboleessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhu qofaan dararamaa akka jiru jiraattonni ibsaniiru.
Walumaa galatti hidhamtootni aanicha keessaa manneen hiraarsaa sirnichaa keessatti dararamaa jiran haala akkaan yaaddessaa keessa jiraachuu fi nama itti himatan dhabuun abdii kutannaa keessa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

