Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti gaaffii tokko malee namoonni hedduun yeroo dheeraaf mana hiraarsaa sirnichaa keessatti gidirfamaa jiru

ONM ABO Waxabajjii 23, 2024

Sirni garboonfataan Abiy Ahimed yeroo aangootti dhufe afaan dhadhaa godhachuun, qorannu malee hin hiinu jedhee sobaan uummata mirqaansaa ture Waadaa uummataaf gale dhiisuun kan duriirra caalaa namoonni hedduun murtii seeraa malee mana hidhaa sirnichaa keessatti gidirfamuu irratti argamu.

Haalli Kun baay’ee yaaddoo guddaa jiraattotaatti kan uumee jiru yoo ta’u, Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Adulaalaa waajjira poolisii aanichaa magaalicha keessa jirutti hidhamanii kan jiran namoota maqaan isaanii Dhugaa Hawwasoo, Malkaa Galaan, Gammachuu Dagaagaa, Tolasaa Darsuu, Gammachuu Midhaksoo fi Midhaksaa Bajigaa yoo ta’an, namoonni kunneenis yeroo dheeraaf mana hiraarsaa sirnichaa keessatti gidirfamaa akka jiran ibse. 

Namootni armaan olitti maqaan isaanii eeraman kun ji’a 6 oliif  gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u badii qabataniif osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii akka gidrisaa jiranis himan.

Waajjira poolisii aanichaa magaalaa Adulaalaa keessa jiru kana malee Oromiyaa mara keessatti gochi  wal fakkaataan  akkasii raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version