ONM-ABO Hagayya 13, 2024
Murni Bilxiginnaa yeroo cufa qabeenya akkasumas manneen hawaasaa ibiddaan guggubuu aadaa godhate, ammas bakka cufatti badii wal fakkaataa kana hojjechuun uummata Oromoo mana malee hambisee jireenya daandii irraaf saaxilee jiraachuu warreen mana malee hafee yeroo ammaa daandii irraa fi akka bineensaatti bosona keessa jiraatutu ragaadha.
Ilmaan Oromoo irratti sirna kanaan dhiittaan mirgoota namoomaa irratti raawwataa jiru bifa addaa kan qabuu fi sirnoota kanaan dura turan irra baay’ee hamaa ta’uu namoonni garaagaraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaa jiru.
Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Adeellee Mi’eechaa jedhamu keessatti Hagayya 10, 2024 namoota maqaan isaanii Addisuu Dabballee fi Kumaa Dibaabaa jedhaman badii tokko malee manaa fi qabeenya isaanii guutummaatti ibidda itti qabsiisuun barbadeessanii jiru.
Namootni kun siyaasa kam irraa illee bilisa akka ta’an jiraattonni himuun, Hidhattanii nu faana Waraana Bilisummaa Oromoo loluu maaf dhiistan sababa jedhuun manaa fi qabeenyi isaanii akka gubate namootni beekan nuuf himanii jiru.

