ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Murni hiyyummatti kuffisee uummata jilbeenfachiisee aangoorra bubbuluun uummata Oromoo bituurratti xiyyeeffatee hojjetu bilxiginnaan, yeroodhaa gara yerootti qabeenya uummataa gubuu, saamuu fi caccabsuun gadadootti akka jiraataniif uummata hiraarsaa oola.
Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Gololee Hulluqqoo lakkoofsa shan keessatti Waxabajjii 19, 2024 waraanni sirnichaa itti bobba’uun isin Waraana Bilisummaa Oromoo soortan jechuun manneenii fi midhaan waliin abidda itti shiduun gubanii barbadeessanii jiru.
Manaa fi qabeenyi isaanii kan jalaa gubate kun maqaan isaani Fayisaa Hirphaayee mana lama qabeenya mana keessaa dabalatee akkasumas midhaan konkolaataa tokko ta’u waliin, Abbishuu Galaan mana lamaa fi qabeenya mana keessaa akkasumas midhaan konkolaata tokko ta’u waliin, Ayyeetuu Urgaa Mana lamaa fi qabeenya mana keessaa dabalate akkasumas midhaan konkolaataa tokko ta’u jalaa gubuun bakkeetti gatamanii jireenya gadadoof saaxilamanii jiru jechuun jiraattonni ONM’f himaniiru.

