Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti maqaa maatii qabsaa’otaatiin saamichi uummata irratti raawwatamaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa gandoota garaagaraa keessatti hidhattoonni murna Bilxiginnaan bobbaafaman kan sababoota hedduu tarreessuun uummata meesha maleessa saamuu bartee taasifatan ooyiruu uummataatti bahanii saamicha ulfaataa geggeessaa jiraachuu jiraattonni himan.

Haaluma kanaan gaafa Sadaasa 15, 2025 aanichatti jiraataa ganda Agamsa Rogichaa kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Shumbaashaa Zawudee jedhamu maqaa ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun midhaan inni ooyiruu irra facaase jalaa haammachuun gara mooraa isaaniitti galfataaniiru.

Midhaan kunis xaafii sangaa 3 fi qamadii sangaa 3 ol akkasumas kombaayinara midhaan haamee calleessu waliin jalaa fudhachuun qabeenya biroo maatii kanaas hedduu jalaa mancaasanii turuu jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru. 

Hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu qofaa irratti fuulleffachuun akka furmaataatti kan amanu murni balfamaan Bilxiginnaa maatii nagaa siyaasa kam irraayyuu walaba ta’an maqaa garagaraa itti maxxansee gochoota gara jabinaa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version