ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 Baha
Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Warra Jaarsaa keessatti Fulbaana 22, 2025 waraanni Bilxiginnaa sakkatta’aa WBO jechuun uummata jalaa midhaan gosa adda addaa mancaasaa akka turan jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota midhaan jalaa manca’e keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe muraasni:
- Cannaquu Hulluuqaa jalaa atara tilmaamaan kuntaala 3 ta’u,
- Dabalee Badhaadhaa jalaa boqolloo tilmaamaan kuntaala 5 ta’u,
- Nugusee Leencoo jalaa boqolloo kuntaala 6 ta’u,
- Galatuu Dabalaa jalaa boqolloo kuntaala 5 ta’u,
- Kumaa Asanuu jalaa boqolloo kuntaala 3 ta’u,
- Hambaayee Asanuu jalaa boqolloo kuntaala 6 ta’u abidda itti qabsiisuun barbadeessuu jiraattotni ibsaniiru.
Oduu hidhaatiin guyyaadhuma kana namoota hedduus waan isaan quba hin qabne maqaa WBO nyaachiftan jedhu itti maxxansuun qabanii deemuu jiraattotni himuun, namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:
- Aadde Mitikkee Baldaa haadha ijoollee sadii fi
- Aadde Atoo Tolaa haadha ijoollee lamaa
qabuun buufata waraanaatti hidhanii gidirsaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

