Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti saamichaa fi ajjeechaan waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Ebila 2, 2024

Hawaasa nagaa ajjeesuun gootummaa kan itti fakkaatu waraanni goolessaan PP, bakkeewwan socho’an hundatti namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne  ergama waraana bilisummaa Oromoo qabda jechuun ajjeesuu jabeessanii jiru.
 
Akka kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Kokoraa Gurraattii jedhamu keessatti Bitootessa 30, 2024 namoota lama kan maqaan isaanii obbo Guuttataa Bari’oo abbaa ilmaan 4 fi Waaqjiraa nama jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun himame.
 
Oduu biraatiin ammoo saamichi qabeenyaa jiraattotaa irratti raawwatamuun kan himame yoo ta’u, obbo Haftee Lammii jalaa buna kuntaala 20, mixmixa kuntaala 7 fi boqolloo kuntaala 20 yoo fe’atan, obbo Ittaanaa Waaqtolaa jalaa dukkaana keessaa qabeenyaa guutummaa guutuutti saamaniiru.
 
Dabalataanis Fiqaaduu Habtee jalaa buna kuntaala 16, haadha isaa jalaa ammoo buna kuntaala 4 jalaa fudhachuun gara magaalaa Mandiitti akka fe’atanis beekameera.

Exit mobile version