ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Agamsa Roggichaa keessatti Muddee 14, 2025 ergamtoonni koloneel Abiy Ahmed Maqaa sakattaa WBO jedhuun onicha keessa bobbaafaman loowwan uummataa saamanii gara bakka irraa dhufaniitti deebi’uu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, waraanni faashistii kunneen nama maqaan isaa Obbo Naccoo jedhamu jalaa loowwan baay’inni isaanii sagal (9) ta’u ooffatanii gara bakka irraa dhufan bakka qubsuma isaanii Ashuffee jedhamutti deebi’uu himuun, namni kun yakka raawwate qabaatee osoo hin taane, maqaa dharaa “WBO waliin hariiroo qabda”jedhu qofaan qabeenya isaa barootaaf itti dadhabuun horate jalaa saaman jedhu.
Obbo Naccoo jalaa bara darbellee sabboonummaa leellista ittiin jechuun erga reebicha hamaa irratti raawwatanii booda, mana jireenyaa isaa qabeenya keessa jiru waliin gubuun, Qotiyyoo baay’inni isaanii shan (5) ta’an jalaa saamanii turuu jiraattonni dabaluun addeessanii jiru.
Impaayera ilmaan Oromoof bakka hin qabne jabeessanii gad dhaabuuf kan ifaajan waraanni gabroomfataa Bilxiginnaa kunneen isa yeroo bulchiinsa sirna abbaa-irree kan nafxanyootaa duriin olitti sirna afaaniin maqaa Oromoo leellisaa Oromoorratti daba seenaan hin daganne raawwachaa jiru kana keessa diinummaa isaanii uummata Oromootti akka agarsiisaa jiran namuu ni beeka.

