Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa shaggar aanaa Abuunaa-Gindabarat keessatti waraanni faashistii PP loowwan uummataa saamuu fi namootas ukkaamsee dhabamsiisuun dhaga’ame 

ONM-ABO Muddee 30, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa-Gindabarat ganda Garbii Googilee jedhamuun waamamtu keessatti jireenya hawaasa nagaa mancaasaa kan oolan ergamtoonni barcuma nam-tokkee tiksuuf ifaajan, Muddee 24, 2025 namoota siyaasa kam keessa hin jirre barjaa dharaa itti maxxansuun qabeenya isaan dafqanii horatan loowwan jalaa ooffatanii gara mooraa isaanitti akka geeffatan jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Miidiyaa sobaan nageenya faarsaa, faallaa isaammoo hidhattoota isaa biyyarra bobbaasuun gochawwan dhugaa irraa fagaateen dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf meeshaa of harkaa qabanitti dhimma ba’anii jireenya dhala namaa gadadoo hamtuuf saaxilaa jiru. 

Haaluma kanaan namoota qabeenyaan isaanii waraana murna garboomfataa Bilxiginnaan jalaa saamame keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Lammeessaa Irranaa Damee jalaa loon 8,
  2. Kaffalaa Barreessaa Birruu jalaa midhaan kuntaala 7 jalaa kan fudhatan oggaa ta’u, 

nama maqaan isaa:

  1. Nagaasaa Abdiisaa jedhamu immoo fuudhanii manaa deemuun bakka geessan haga ammaatti kan hin beekamne ta’u jiraattotni dubbattu. 

Koloneel Abiy Ahimed rakkoo uummataa furuu irra biyyicha rakkoo keessa galchuuf murannoo fi ejjennoo cimaa baafatee deggertoota isaaf fakkaattota isaan uummata Oromoo haala dandaa’amaa ta’een lola banuu fi haala lolaa uumuun mana nama hundaatti gaddaa fi boo’icha huwwisaa akka jiru taateen isaan raawwatamaa jiran dhugaa ba’u.

Exit mobile version