Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti kaadiree fi waraanni sirnichaa uummata saamuu, hidhuu fi dararuu itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 8, 2024 Mootummaan biyya bulchu keessatti nagaa lammiilee, qabeenyaa fi miidhama bifa kamiiniyyuu dhufu irraa tiksuun uummanni nagaan ba’ee akka galu gochuuf dirqama isaa ta’us, bilxiginnaan faallaa kanaa waan qaanessaa ta’e uummata Oromoo irratti    saamicha, hidhaa fi dararaa   geggeessuun nagaa dhowwaa jira.

Waraanni sirna PP raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishaan biyya eegu, daangaa kabachisuu, nagaa lammilee eeguun hafee seera malee uummata keessa qubsiifamuun kaabinee sirnichaa waliin ta’uun uummata yeroo adda addaatti guutuu Oromiyaa keessatti saamicha, reebichaa fi dararaa raawwachuun cinaatti yaaddoo dhimma du’aa fi jireenyaa gidduu keessa galchanii jiru.

Murni blxiginnaa waraanaa fi kaadiree isaa saamichaa fi gidiraa irratti bobbaase kun Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindibarat keessatti saamicha horii, hidhaa fi dararaa jabeessuun gandoota baadiyyaa kanneen akka Mandiida Xunjiitii, Soolee, Gooroo Baatee, Gooroo Dhoqonuu, Dhoqonuu Suree, Dirree Qanyii fi Garbii Goolee keessatti caasaan kaadiree PP, waraanni raayyaa ittisa Impaayeerattio fi milishoonni torbee darbe saamicha horii uummataa, hidhaa fi dararaa raawwachuu isaanii jiraattonni onichaa himan.

Walumaagalatti bakkoota olitti maqaa dha’aman keessatti loowwan saamaman 200 yoo ta’an isaanis magaalaatti geeffamuun waraanni koloneel Abiy Ahimed keessaa qalachaa fi kaanis eegamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version