Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa keessatti waraanni faashistii PP hidhaa, saamicha, gudeeddii fi dararaa garaa garaa uummata irratti jabeessan

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Miirri namummaa tokko kan irraa hin calaqqisne aadaa fi duudhaa uummataa kabajanii kan hin jiraanne eegdonni barcuma koloneel Abiy Ahimed loltootni sirnichaa bakkaa fi yeroo fedhanitti afaan qawwee fayyadamuun uummata nagaa hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi dararaa addaa addaan gidirsaa jiraachuun kan beekamuudha.

Faashistoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa kunneen goleewwan Oromiyaa cufa keessatti guyyaa dhufee darbuun uummata qaala’iinsa jireenyaan miidhamaa jiru, rakkoo isaaf furmaata waaraa kennuu irra qe’ee isaa keessatti itti duuluun sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaan hadheeffatanii duguuggaa sanyiii irratti geggeessaa jiru.

Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti namoota nagaa maqaa siyaasaa isaan quba hin qabne itti maxxansuun qabanii achi buutee dhabamsiisuuu, gudeeddii, hidhaa, gubaatii manneenii fi saamicha qabeenya isaanii irratti geggeessuun jiruuf jireenya isaanii barbadeessaa jiraachuu odeessi Onicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version