Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa konkolaachisaa doqdoqqee tokko irratti yaalii ajjeechaa raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Aanaa Bulee Horaa ganda Oggoo Danbii jedhamu keessaa Gurraandhala 23, 2025 nama maqaan isaa Yaaqoob Kintootaa jedhamu osoo inni doqdoqqee oofaa jiruu milishoonni sirnichaa bakka sakattaa irratti Wadaroo ittisaaf bakkichatti hidhamee jiru gadi itti buusanii oggaa dhaabsisan, Wadaroon sunis morma isaa hudhee qabuun battalatti sadarkaa lubbuun darbuu irra qaqqabee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni doqdoqqee oofu kun oliif gadi fiigee hojii idilee isaa hojjechuu malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, milishoonni Bilxiginnaa ammoo saamichaaf jecha gocha gara jabinaa kanaan yaalii ajjeechaa irratti raawwachuun yeroo ammaa kanas magaalaa Hawaasaa Hospitaala Selaam jedhamutti yaalamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akkuma aanichaatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa garaa garaa guyyuun ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version