Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Oromiyaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatame

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Namni kamiyyuu dhimma qaama biraaf gaafatamuu akka hin dandeenye seera irratti barraa’ee jiraatus bilxiginnaan sababa maraammartoo siyaasaa keessaa ba’uu dadhabeef maatii qabsaa’otaa waan ijoollee isaanii ta’an qofaaf seera malee gidirsaa jira.

Seera adunyaarra hin jirreen bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa kan isaan ijoollee isaanii bakka kamittuu hin ergannee fi erga irraa ba’anii waa’ee isaanii gaafatama fudhachuu hin dandeenye gaafatamaa gochuun halkanii guyyaa dararaa itti hammeessee jira.

Haaluma kanaan Kibba Oromiyaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Haroo Baartaa keessatti Adoolessa 8, 2024 qabeenyi maatii qabsaa’otaa murna faashistii PP’n saamamuu fi hidhaanis itti cimee jiraachuu maddeen himan.

Ergamtootni murna bilxiginnaan bobbaafaman kunneen mana nama maqaan isaa Kaalid Hayilee Waaqoo jedhamuu cabsuun qabeenya mana keessa jiru guutummaan guutuutti saamanii maatii rakkoo hirkattummaa dhuma hin qabneef saaxilanii jiru.

Qabeenyi maatii kana jalaa saamames Siree, Tv, Diishii fi uffata adda addaa akkasumas meeshaaleen nyaataa fi dhugaatii hundi waraana goolessaa bilxiginnaan jalaa fudhatamuu maddeen himan.

Aanichuma magaalaa Bulee Horaa ganda Gooroo Guddinaa keessatti milishoonni sirnichaa  waraqaa eenyummaa kee fidi jechuun nama maqaan isaa  Dabballee Gurraachaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version