Godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti ilma Oromoo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeesan.
ONM-ABO Fulbaana 7, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa diddaa fi qabsoo hidhannoo uummatni Oromoo sirna bilxiginnaa irratti geggeessaa jiru afaan qawween dhaabsisuuf ajjeechaa uummata nagaa homaatuu keessaa quba hin qabne irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan gocha isaa jibbisiisaa kana kaleessa Fulbaana 6,2022 godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti ilma Oromoo badii tokko malee qabanii erga hidhaniin booda gadi baasanii ajjeesan.
Ilmi Oromoo waraana bilxiginnaan mana hidhaa magaalaa Bulee Horaa keessaa baafamee ajjeefame kun maqaan isaa Sanbatoo Adeeroo Birruu kan jedhamu yoo du’u abbaa daa’ima lamaati.
Abbaa maatii Sanbatoo jedhamu waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed ona Bulee Horaa ganda Mataa Qomaa irraa qabuun erga hidheen booda ajjeesee ijoollee isaa abbaa malee hambisee jira.
Murni bilxiginnaa waraana isaa marartoo tokko ilmaan Oromoof hin qabne Oromiyaa bakka cufatti bobbaasuun lubbuu Oromoo guyyuu ajjeesaa jiraachuun ni beekama.

