ONM-ABO Fulbaana 25, 2023
Waraanni murna maafi’aa PP lubbuu ilmaan namaa bineensaa gaditti lakkaa’uun guyya guyyaan ajjeessuu bare gocha isaa badii itti fufuun ilma Oromoo abbaa maatii ta’e tokko ajjeessuun maatiitti gadda uwwise.
Jimaata darbe Fulbaana 22, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaalessaa Nageessoo keessatti maanguddoo maqaan isaa obbo Uturaan jedhaman waraanni faashistii Abiy Ahimed halkan keessaa sa’a 6:30tti mana jireenyaa isaa keessaa fuudhanii deemuun ajjeessuun bineensa nyaachisan.
Obbo Uturaan abbaa ilmaan 15 yoo ta’an dhiira 8 fi dhalaa 7 kan qaban yoo ta’an nama umrii 39 akka ta’e odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

