ONM-ABO Eebila 29, 2023
Tiksitoonni abbootii aangoo impaayera Itoophiyaa jumlaan Dachii Oromiyaatti gadi guuramuun farra jireenya uummata nagaa ta’aa jiran, guyyaarrraa gara guyyaatti dhiiga nama qulqulluu jigsaa, maatii Abbaa malee, haadha ilmaan malee hambisaa jiru.
Kanumaan walqabatees Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Murtuu Xillisaa iddoo addaa Hurguggeessa jedhamutti waraanni sirna faashistii Itoophiyaa nama Obbo Tukuu Gammadee Mannaa jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Obbo Tukuu Gammadee abbaa ilmaan torbaa yoo ta’an, ati WBO deggerta, jimaa bittaaf, karaas itti agarsiista jechuun waraanni ilma namaatiif naasuu tokkollee hin qabne kaleessa jechuun Eebila 28, 2023 qe’ee isaaniitti seenuun lubbuu isaanii galaafachuun beekameera.
Aanaa Gujii lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daadee Burqaa jedhamtu keessatti nama maqaan isaa Dagannee Abbaa Seeraa jedhamu osoo inni Jimaa bitatee deemuu qabuun WBO’f geessita jechuun reebicha hamaa irratti geggeessaniin du’aa fi jireenya keessa jiraachuu maddeen himaniiru.

