Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa fi Bulee Horaa keessatti manneen namootaa guban

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa Ganda Carii Baddeessaa keessatti Onkoloolessa 25, 2023 waaree booda toora sa’a 11:30tti waraanni bilxiginnaa manneen namoota nagaa hedduu ibiddaan gubuun barbadeessan.

Namoota manneen isaanii waraana maafi’aa PPn gubate keessaa kan maqaa arganne Danbalaa Dubee Tulluu, Goofaree Gammadee Sheraa, Nugusee Lolle Goobanaa, Uturaa Dubee Tulluu, Dekii Bariisoo, Geedoo Booneyyaa Safayii, Nugusee Eedemaa Barisoo, Eelemaa Adulaa Dubee, Moonaa Yaatanii, Badachaa Yaatanii fi Mijuu Badachaa Yaatanii kanneen jedhamanii dha.

Kana malees godinichuma aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphilisaa keessaa ammoo manneen namoota lamaa kan obbo Turee Roobee fi Roobee Hirbiyyee gubuun barbadeessanii jiru.

Waraanni faashistii Abiy Ahimed godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa dabalatee aanaalee akka Bulee Horaa, Dugdaa Daawaa fi Birbirsa Kojowaa keessatti  ajjeechaa, dararaa fi saamicha hammeessee akka jiru odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version