ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Waraanni Bilxiginnaa Jimaata darbe Onkoloolessa 11, 2024 Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Carii Baddeessaa keessatti manneen uummataa qabeenya waliin gubanii barbadeessuun horii uummatichaas saamanii qalatanii nyaachuun barame.
Namoota qabeenyi isaanii jalaa barbaada’e keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Moonaa Yaatanii Dagguu
- Loolee Ejersaa Quraa
- Gumii Qoratee Galaa
- Hadaa Duubee Galgaloo
- Isiraa’el Haada Duubee
- Nuunnuu Roobaa Badachaa
- Bunoo Adulaa Duubee
- Bonayya Boruu ta’uun barameera.
Namootni sagal badii tokko malee horiin isaanii kan jalaa qalamte yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne:
- Moonaa Yaatanii jalaa loon 13
- Abrahaam Loolee jalaa loon 3, re’ee 12, lukkuu 15
- Dastaa Bayyanaa jalaa loon 1 fudhatanii jalaa qalachuun barameera.

