ONM-ABO Adooleessa 4, 2024
Gaaffii uummata Oromoo baroota dheeraa karaa nagaan deebisuu irra afaan qawwee kan filatte impaayerittiin har’a sabicha afaan qabachiisanii bulchuuf jecha gaaga’ama hamaa gama lubbuu fi qabeenyaan irraan ga’aa jirti.
Waxabajjii 30, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Haroo Baartaa jedhamu keessatti farreen uummata Oromoo uummaticha gadadootti rukutuuf bobbaafaman maqaa ilma keetu WBO keessa jira jedhuun nama maqaan isaa Roobee Labattoo jedhamu jalaa manaa qorqorroo baallee 78, lukkuu 25, Harree 1, loon 2, ooyiruu irraa midhaan heektara 1 ciranii balleessuu fi qarshii 30,000 saamuu jiraattotni ONM’tti himan.
Adooolessa 1, 2024 nama maqaan isaa Aduulaa Bariisoo jedhamu jalaa qabeenya inni qabu guutummaatti mi’a mana keessaa waliin gubanii barbadeessan jedhu.
Godinichuma aanaa Galaanaa ganda Shamoolee Shidaa keessatti maqaa WBO soortan jedhuun manneen namoota hedduu gubuun yoo barbadeessan horii isaaniis qalatanii nyaachuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.
Namoonni qabeenyi isaanii saamamuun manneen isaaniis daaraa ta’e kunneenis maqaan isaanii;
- Areerii Gammadee
- Moromaa Uddeessaa
- Jiloo Adulaa
- Guyyoo Badhaasoo
- Goobanaa Uddeessaa
- Leecoo Goobanaa fi
- Goljaa Neeqaa
kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneenis yeroo ammaa maatii isaanii waliin bosonatti galanii dararamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

