ONM-ABO Bitootessa 29, 2023
Murni hammeenya ilmaa Oromoo irratti hojjechuuf of ijaare bilxiginnaan waraana nama nyaataa isaa qe’ee uummata Oromoo keessatti bobbaasuun ajjeechaa raawwatu jabeessee jira.
Dilbata darbe Bitootessa 26, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa iddoo addaa magaalaa Roophii Magaadaa keessatti warraanni bilxiginnaa nama nagaa hojii guyyaa hojjatee ofii fi maatii isaa jiraachisaa ture maqaan isaa Barcaallaa Kateeloo Roobee jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Namni waraanni bilxiginnaa ajjeesan kun obbo Barcaallaa Kateeloo abbaa maatii 6 yoo ta’u, ajjeefamuu isaan maatiin rakkoo jireenyaa keessa seenuu akka danda’u jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni murna faashistii PP kun aanaa Bulee Horaa keessatti namoota nagaa hedduu ajjeesuum hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun hawaasa irraan dararaa hamaa ga’aa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

