Waraanni sirna PP godina Arsii bahaa, Qellem Wallaggaa fi Gujii lixaa keessatti ilmaan Oromoo shan ajjeesan.
( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )
Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii gegeessuu itti fufuun kaleessa ganama Caamsaa 29,2022 godina Qellem Wallaggaa ona Hawwaa Galaan ganda Tuulama Canqoo keessatti nama tokko ajjeesuun 2 qabanii deemanii jiru.
Waraanni sirna PP magaalaa Gabaa Roobii irraa dheengadda halkan toora sa’a 9:00 irratti seenuun barii isaa nama nagaa Mahaammadzeen Nuuraa nama jedhamu ajjeesuun nama lama maqaan isaanii Mubaarik Battalii fi Guutaa Abarraa jedhaman ammoo qabanii lafti isaan geessan hin beekamin jira.
Oduma wal fakkaatuun kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa keessatti Caamsaa 26,2022 ganama jaartii waggaa 60 aaddee Mooshee Edoo Galatoo jedhaman osoo isheen mana cidhaa ganda Burqaa lammaffoo irraa gara ganda Bookaatti osoo deemaa jirtu naannoo gaara Gaachanaa jedhamutti milishootni fi poolisootni Oromiyaa ajjeesan.
Nyaata Waraana Bilisummaa Oromootii geessitee deebi’aa jirta jechuun erga ajjeesaniin booda maatiin osoo hin sakattaasisin akka awwaaluu fi osoo karaa deemanii du’an jechuun dubbadhaa malee akka maqaa poolisii keenyaa hin xureessine jechuun akeekkachiisan.
Haala kana keessatti reeffi jaartii kanaa osoo rakkatuu guyyaa tokko buluun Jimaata darbe Caamsaa 27,2022 awwaalamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gamasii gabaasaniiru.
Waraanni sirna PP guutuu Oromiyaa keessatti ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatu jabeessuun dheengadda Caamsaa 28,2022 godina Gujii lixaa ona Bulee Horaa ganda Maaxee Leemmaa keessattis nama maqaan isaa Hasan Araarsoo Gammadee kan ajjeesan yoo ta’u onuma Bulee Horaa ganda Maaxee Tomaa keessatti nama maqaan isaa Jiloo Mijuu Lolee akkasumas ganda Harxummee Leemaattis nama maqaan isaa Dassaaleny Ayyalaa Barree nama jedhamu waraanni murna PP uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiru ajjeesuu isaa oduun gabaasaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Gujii lixaa irraa gabaasee jira.

