Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii keessatti abbaa Ajajaa waranaa bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa bahaa Jaal Sabaa’if Galgoo waggaa tokkoo oliif hidhanii dararaa jiru

Godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii keessatti abbaa Ajajaa waranaa bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa bahaa Jaal Sabaa’if Galgoo waggaa tokkoo oliif hidhanii dararaa jiru.

( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )

Waraanni tiksitoota sirna Minilik gocha abbaa hin qabneen sobaan nama yakkanii hidhuu aadeffatan godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii keessatti maatii qabsaa’otaa mana irratti gubuun alatti qabanii hidhuun hiraarsaa jiru.

Hidhaa Caamsaa 27,2022 ona Heeban Arsii ganda Dagaagaa keessatti raawwata malee waggaa tokko oliif abbaa ajajaa waranaa bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaa Jaal Sabaa’if Galgoo kan ta’an obbo Galgoo Badachaa murtoo tokko malee buufata poolisii magaalaa Galjootaa jiru keessatti hidhanii dararaa jiru.

Obbo Galgoon dhukkubsatanii illee yaala kan dhorkaman yoo ta’uun maatiin isaaniis qabananii dabalamaniiru.

Gariin ammoo hidhaa dheessuun naannoo irraa baqatanii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gamasii ifoomsaniiru.

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo maqaa ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhun hidhuu fi manneen gubuun alatti bara 2020 baatii Waxaabajjii keessa abbaa fi haadha Jaal Caalaa Ashaagiree bakka tokkotti gara jabinaan ajjeesuun ni yaadatama.

Exit mobile version