Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Arsii Aanaa Heeban Arsii keessatti maanguddoo Abbaa Ajajaa WBO Zoonii Kibba Bahaa yeroo dheeraaf PP’n mana hidhaatti hiitee reebaa fi dararaa turte sana irraa dhukkubsatee dandamachuu dadhabuun lubbuun isaanii darbe

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa kufaatii isa mudate dandamachuu dadhabuun yeroo irraa gara yerootti kutaalee Oromiyaa hunda keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiru sababa ilma keetu bosona keessa jira jedhuun abbaa ajaja olaanaa WBO Zoonii kibba Baha Oromiyaa Jaal saba’if Galgoo kan ta’e Galgoo Badachaa yeroo dheeraaf mana hidhaatti umurii isaanii dabarsaa kan turan reebicha humnaa olii irraa kan ka’e miidhaan irra gahuun dhukkubsatee yeroo mana yaalaattis geessan dandamachuu dadhabuun lubbuun isaanii guyyaa kaleessaa waxabajjii 11, 2025 addunyaa irraa boqatanii jiru.

Maanguddoo kana yeroo irraa yerootti ilma keetu nu loluutti jira jechuun reebuu, doorsisuu fi akkasumas qabeenya isaa guutuu abiddaan gubanii jalaa barbadeessaa kan turan haadhi jaal Saba’if fi obboleessi isaa mana hidhaatti ji’a 7 olii dabarsanii kan jiran sirna du’aatii isaa kana irrattis akka hin argamne dhowwuun mana hidhaa keessatti jeeqama guddaa keessa jiraachuu maddeen eeraniiru. 

Akka jiraattonni jedhanitti maanguddoon kun nama uummata keessatti kabaja qabuu fi akkaan jaalatamaa kan ta’eedha, nama akkasii sababa abbaa irreetiin dhabuu keenyaaf gadda guddaatu nutti dhagahamee jira jechuun jiraattonni aanichaa gadda isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version