ONM-ABO Caamsaa 9, 2025
Bulchiinsi Abiy Ahimed kufaatii siyaasaa isa mudatee jiru dandamachuu dadhabuun uummata nagaa jiruu fi jireenya dhorkee hiraarsaa kan jiru aanaa Qoree ganda 01 bakka addaa Dhaamotaa jedhamu keessaa torban darbe irraa kaasee bifa addaan jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii jiraachuun ibsameera.
Waraanni maafiyaan Abiy Ahimed halkan mana hawaasaa irra deemuun qabeenyaa jiraattota saamuu fi namoota arganis ukkaamsaa kan jiran oggaa ta’u, maatii:
- Obbo Eda’oo Wayyoo fi
- dargaggoo Abdallaa Wayyoo qabaniii hidhuun maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuun ifoomeera.
Qarshiin maatiin kun gaafatamaa jiranis walii galatti kuma dhibba lama akka ta’e kan ibsame yoo ta’u, waan gaafataman kaffaluu dadhabuun hanga gabaasni kun qindaa’etti hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Namoota ijaa fi gurra diinaa ta’uun uummata nagaa hiraarsaa jiran keessaa kanneen maqaan nu gahe;
- Qaasim Abdullee kumaandeera ganda 01
- Siraaj Hajii Kadir abbaa Zoonii fi
- Abbaa garee Amanoo Galgalu kanneen jedhamaniidha.

