ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota garaa garaa keessatti tiksitoonni impaayerattii kanneen nageenya uummata Oromoo hin feene ganda Uchee jedhamu keessatti jirattoota gara magaalaa deeman daandii gubbaa irra dhaabbachuun gaaffilee hawaasatti baay’isuu fi reebicha raawwachaa jiraachuu jirattoonni ONM’tti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa muddamsuu ulfaataa keessa seenuu fi raafama jabduun goolamaa kan jiru oggaa ta’u, loltootni isaa lola WBO’n guyyaa irraa gara guyyaatti irratti geggeessaa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa fi ol adeemtoota ilmaan Oromoo irratti fuulleffachuun gaaga’ama lubbuu dabalatee mancaatii dinagdees geggeessaa jiru.
Kana malees godinicha keessatti sochii jajjabaa fi tarkaanfii laalessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo lukkeelee diinaa irratti fudhachaa jiruun wal qabatee sodaa guddaa keessa seenuu irraan kan ka’e jireenya hawaasaa booressuu fi jiraattota gandoota baadiyyaa garaa garaa irraa wal keessa socho’uun wal irraa bitatanii gurguran akka isaan wal keessa hin deemne sochii hawaasaa ugguruun danqaa uumaa kan jiran yoo ta’u, uummatni aanichaas rakkoo nageenyaaf jecha bobba’anii galuuf yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuus ifoomsaniiru.

