Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti saamichi maqaa gibiraan jiraattota irratti yoo raawwatamu Aanaa Xiyyoo keessatti manneen qonnaan bultootaa guban

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Impaayera sirna dhablummaan keessatti hidda yaafate Itiyoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni sanyii irraa dhalataniin fo’amanii hidhamuu, saamamuu, manneen irratti gubachuu fi ajjeefamuun gidirfamaa jiru. 

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Arjoo jedhamuun beekamutti waraanni garboomfataan PP maqaa caasaa haaraa gandoota baadiyyaatti babal’isuu jedhuun sochii taasisuu erga eegalanii kaasee bifa addaan saamicha jabaa hawaasa nagaa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti namni tokko kaffaltii inshuuraansii fayyaa qarshii  1,750 dirqisiifamuun kaffalaa akka jiran kan himan yoo ta’u, bara dhufaa darbaa kaffaltii inshuuraansii fayyaa jechuun kan nu harkaa guuran nuti garuu dhukkubsannees goonkumaa waraqaa inshuuraansii keenyaan yaallamnee hin beeknuu fi mana yaalaatti maallaqa keenya baasnee kaffalaa jirra jechuunis dubbatu.

Kana malees aanaa Martii keessatti maqaa buusaa gonofaa jedhuun hawaasni dirqisiifamee qarshii 180 kaffalaa jiraachuun kan ibsame ogguu ta’u, maatiin harka qalleeyyiin maallaqa of harkaa hin qabne ammoo ergama WBO ba’achaa jirtu jedhamuun hidhamanii dararamaa jiraachuun ifoomeera.

Oduu gubaatiin ammoo Onkoloolessa 19, 2024 godinichuma aanaa Xiyyoo ganda Soolee Caffaa jedhamu keessatti manneen hawaaasaa jumlaan gubanii maatii dawoo jireenyaa malee hambisuun miidhaa jabduuf saaxilanii jiru.

Namoota sirni balfamaan Bilxiginnaa manneen jalaa gube keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e:

  1. Sheek Mahaammad Huseen 
  2. Sheek Ahimed, 
  3. Mussaa Huseen, 
  4. Umar Sheek Ahimed, 
  5. Hajolee Wayyoo fi 
  6. Mahaammad Abdallaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni himan.

Maatiin kun qe’eef qabeenyi isaanii guutummaan guutuutti irraa barbadaa’ee waan tureef waan nyaatanii dhuganii fi iddoo qubsumaa dhabanii roobaa fi aduun dhaanamuun beelaanis dararamaa jiraachuu jiraattoni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version